Waayee keenya



Waayee keenya

Waldaa Wangeela Afaan Oromoo Frankfurt am Main

Afaan Oromoodhaan Waaqayyoon waaqeefaachu akka danda’amuuf Oromoon magaala Frankfurt fi naannoo isaa jiraatan waliitti dhuffuudhaan Waldaa Wangeela afaan Oromoo Frankfurt bara 1997 hundeessani jiru.

 Kaayyoon Waldaa kanaa inni jajjaaboon:

·          Dubbi Waaqayyoo akka macaafin qulqulluun jedhutti namootaaf dhuga’a ba’uu;

·          Miseensoota fi namoota waldaa kana dhufuuf fedhii qabaniif barnoota macaafa qulqulluu barsissuudhaann akeeka Waaqayyo ilmaan namootaaf qabu hubachisuu;

·          Sagaada fi farfaanaadhaan Waaqayyo uumaa keenya waaqeefanne amaantin jirachuu;

·          Da’imoota sanbaata Afaan Oroomootin barsissuudhan, akka isaan dubbii Waaqayyo hubachaa guddatanif gargaaruu;

·          Akka haalli fi yeroon eyyamanitti Afaan Oromoon dubbisuu, barreessu fi barsissuudhan guddina Afaan Oromoo uutubu;

·          Hawaasoota Oromoo nannoo fi magaala Frankfurt keessa jiraanii wajjin harriiroo gaarii qabachuudhaan hanga danda’ametti tokkummaa  cimsuu;

·          Waldaa amantoota kristaanaa adda addaa wajjin quunnamtii jabeessuudhaan tokkummaa Amantootaa cimsuu;