sagantaa ijoollotaa waldaa kristaanaa oromo Frankfurt Mudde gaafa 9 bara 2012 waldaa Kristaanaa oromo Frankfurt keessatti sagantaan ijoollota bifa ho'aadhaan kabajame. sagantaa kana irratti ijoollonni waldaa kana hedduminaan kan irratti argamun yeroo ta'u saganticha irratti ijollonni faarsaa dhaan akkasumas macaafa qulqulluu dabaree dabareedhaan dubbisuudhaan tajaajila guddaa kannan. Sagantaa kana ilaalchisee sagalee waaqayyoo keessaa 2 Xim. 3:15 irratti hundaa'uudhaan lallabni gabaabaan kennameera.
Sagantaa ijoollotaa kana qindeessaa kan ture obbo Gamadan yeroo adda addatti kan kaasaan turan suraa ijoollotaa power point agarsiisuudhaan sagantaan ijoollotaa kun hammam akka bu'aa buusaa jiruu fi ijoollonnis guddaa akka itti gammadaa jiran ibsan. Ijoollota jajjabeessudhaafis badhaasin hunduma isaaniif kennameera. Sagantichi bifa kanaan qindaa'ee akka dhihaatuuf gurmuun isaan tajaajilan ga'ee guddaa xabatanii jirru.
Dhuma irratti maatiin fi amantootni yaada addaa addaa saganticha ilaalchisee yaada addaa addaa kennan. Sagantichatti gammaduu isaanii ibsanii gara fuula duraatti karaa danda'ama hunda saganticha akka deggeran dubbatan. |