Aktuelles - Qophii Haaraa

Waldaan Kristaanaa oromo Frankfurt luba muuddatte

Mudde gaafa 2 bara 2012 waldaan kristaanaa Oromo Frankfurt lallabaa wangeela obbo Merga Negeri lubummaatti muudde. Sirni lubummaatti muudamuu lallabaa wangeelaa Merga Negeri giddu galeessa "Ökumenisches Zentrum  Christus Immanuel" sirna ho'aadhaan geggeeffame. Sirna kana irratti waldaa kristaana Oromo Frankfurt, waldaa personal kirchegemeinde Christus Immanuel, waldaa kristaanaa Oromo München fi waldaa Kristaana Oromo warra wangeelaa biyya Jarmaniitu hirmaate.

 
 Luba Dr. Ursula Schoen sirna kana irratti argamuudhaan tajaajila lallabaa kannaniiru. Sirna lubummaatti muudamuu kana kan geggeesse ykn kan raawwata Luba Dr. Tasgara Hirpho yeroo ta'an kan isaan gargaaran ammoo Luba Dr. Ursula Schoen, luba Dr. Hartwig Harms, luba Desalegn Mengesha Norway oslo irraa akkasuma luba Gisela Egler- Köksal turan.
 
 
Waldaan kristaanaa oromo Frankfurt bara 1997 keessa kan hundeeffamte yeroo ta'u hangaa har'aatti luba mataa ishee waan hin qabneef taajilli addaa kan akk kennee qulqulluu, cuuphaa fi sagantaa gaa'eela geggeessuu yeroo jiraatu iddoo biraa irraa luboota afeeruu dhaan hojii kana geggeessa turte. Waldaan Kristaanaa Oromo Frankfurt fi waldaan kristaanaa oromo München yeroo dhaa gara yerootti guddachaa kan jiran yeroo ta'u luba mataa isaanii hin qaban. Kanaafuu lubummaatti muudamuun lallabaa wangeelaa Merga tajaajila waldoota kanaa keessatti ga'ee guddaa gumaacha.